Itti gaafatamaan Bulchiinsa Naannoo Yeroo Tigraay Obboo Getaachoo Reddaa qondaaltonni aanaa fi zoonii naannicha keessaa waajjira isaanii irraa hayyama argatan malee walgahii ummataa kamuu akka hin gaggeesine ajeja dabarsan. Beeksisni kun kan bahe Kora 14ffaan paartii biyya bulchaa jiru Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) Obboo Getaachoo fi miseensota koree eddu galeessaa 14 biraa miseensummaa dhaabaa akkasumas bakka itti aanaa hoggansa isaanii irraa ugguree guyyaa tokko booda. Kongireessiin morkataa siyaasaa isaa Debretsiyoon Gebremichaa'el hogganaa dhaabichaa taasisuun irra deebi’ee filateera.
Obboo Getaachoo fi miseensonni koree eddu galeessaa 14 bu’aa Kongiresii 14ffaa “duwwaa fi kan kufifamaa” jedhaniiru. Gama kaaniin waldhabdee murnoota TPLF edduutti deemaa jiruun walqabatee jiraattonni Magaala maqalee, qaamni nageenyaa naannichaa akka gar lamaanuu irra odoo hin goriin walaba ta’anii turan waamicha dhiyeessan. Jiraattonni Sagaleen Ameerikaa dubbise, gareewwan lamaan “falmii ilaaf ilaamee qabuu” akka godhan fi “wal dura dhaabbachuu” akka dhiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Jiraattoni Tigraay Hmnoonni Nageenya Naannichaa Garee Kamiifuu Akka Hin Loogne Gaafatan
Hoggantooni ABUT ykn TPLF bakka lamatti qoodamanii yemmuu waldhabdee keessa jiran kanatti, umnoottan nageenyaa naanichaa keessa jiraan garee kamiifuu ittu hin loogiin hojii nageenyaa uummataa eeguu akka itti fufan jiraattonni magaala Maqalee sagalee Amerikaatti himanii jiru. Gabaasaan Sagale Amerikaa namoottan haasofsiisee keessa tokko kan ta’an obbo Zeenaawii Ataakiltii, waldhabeen siyyaasaa gareewwan laman giduutti umammee marii siyyaasaatiin waan fala argachuu danda’uuf umnoottan nageenyaa loogii kamiinuu maalee seera fi nageenyaa jiraatota naanichaa eeguu irratti akka xiyeeffatan gaafataniiru.
Yuuniversitii Maqaleetti barsiisaa Afaanii kan ta’an obbo Abrehaa Hayile’igzii gama isaaniitiin, waldhabdeen yeroo amma ABUT keessatti umammee , paartiin biraa akka jabaatee as bahu kan taasissu akka ta’e himanii , ummaanni Tigraay akka deebi’ee gara walwaraansaa keesaa hin seenne umnootan nageenyaa naanichaa keessa jiran gahe isaanii loogii malee akka bahan hubachisaniiru. Yaa’iin ABUT guyyoottan Torbaaf galma Wareegamtootaa magaala Maqalee keessatti argamutii ergaa taasifamaa turee booda wixataa kaleesaa xumuramuu isaa hordofuudhaan, waajjirri Perzidaantii bulchiisaa yeroo naannoo Tigraay kan obboo Geetacheewu Raddaa qibxataa har’aa Hagayyaa 14 bara 2016 bulchiinssaawan godinaalee fi aannawaniitif xalaayaa barreesuun isaa beekameeraa .
Yeroon ammaa naanichii keesaa jiru, yeroo namoottan sababa waraansaatiin qe’ee isaanii irraa buqa’an bakka isaaniitti deebifamaa jiran, akkasumas yeroo hojiin qotiinsa gannaa itti taasifamaa jiru waan ta’eef walga’iwaan bulchiisaa naanichaatiin hin qinqndeeffamne waan rakkina umuu dandaanuuf, bulchiinsii godinaalee, aanaalee fi kan magaalotaa walgahii kamiinuu ittu waajiiraa prezidaantii naanichatti hin beeksisiin akka hin taasifine Xalaayaan prezidaantii naanichaa irraa bareefame kun kan hubachiisuu ta’uu isaa Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaasee jira.