Yaa’ii Biyyoolessaa Ka Paartii Dimokraatotaa Irratti Prezidaant Baayiden Haasaa Dhageessisan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Prezidaant Baayiden Irra deebiin filatamuu akka hin barbaanne erga beeksisanii ji’a tokko booda, Wiixata kaleessaa galgala yaa’ii biyyoolessaa Dimookiraatota irratti haasawa taasisaniiru. Waan ofii hojjatan irra deebi’anii ibsuudhaan kaadhimamtuu pirezidaantii haaraa dhaabbtichaa kan ta’an itti aantuu pirezidaantii Amerikaa Kamaalaa Haarisiitti dabarsuu yaalan. Hoggantuun Biiroo Waayit Haawus Patsy Widakuswara yaa’ii Chikaagoo, Illinois irraa gabaasa ergite Jaallanneetu dhiyeessa.