Naannoo Kibba Itiyoopiyaa godina Koonsoo aanaa Segen magaalaa Segen keessatti Sambata darbe jechuun Hagayya 11 bara 2016 haleellaa hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne dhaqqabsiisaniin lubbuun namoota 11 darbuu akkasumas qabeenyaa hedduun manca’uu bulchaan naannoo Segen obbo Urmallee Ugaandee VOAf bilbilaan ibsaniiru. Rakkoon nageenyaa hamaan naannoo sana jiraachuu kan ibsan bulchaa ol aanaan godina Gaardullaa obbo Birhaanuu Kunaaloo gama isaanii kanneen haleellaa sana raawwatan aanaa hollaa Diraashee irraa ta’uu isaanii tuqanii, mootummaa godinichaan kanneen deggeraman jedhamuun kijiba jechuun fudhatama dhabsiisaniiru.
Jiraattonni magaalaa Segen yaaddoo hamaa keessa jiraachuu dubbatu. Reeffi namnoota haleelaa sanaan du’anii guyyoota lamaaf kaasuu akka hin danda’in kan dubbatan jiraattonni kun bulchiinsa naannoo fi humnootii nageenya mootummaatti iyyachuu isaanii dubbatan jechuun Yonatan Zebdiwoos gabaaseera.