Abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessumaa Godina Shawaa Kaabaatti mudataa jira jedhaniif meeshaa ulfootiin bahanii Araarri akka bu’u gaafataa jiraachuu dubbatan. Haati Siinqee Faayituu Wadaajoo rakkoo nageenyaa Godina Shawaa Kaabaatti mudataa jira jedhaniin jiruun hawaasaa diigamnaan walitti bu’iinsi kun akka dhaabatuuf ijoollee akka qotiyyootti camadnee, caaccuu fi meeshaa kaan qabannee baane jedhan. Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Shawaa Kaabaa waamichi Jimaata darbe jalqabe jedhe kun yeroo rakkoon hawaasa miidhu kan hojiirra oolu tahuu fi hima, Galmoo Daawit dabalata isaa qopheessee jira.
Abbootiin Gadaa Shawaa Kaabaa Namni Nagaan Bahee Galuu Dhabuun Haa Ga’u Jechuun Waamicha Dabarsan
Your browser doesn’t support HTML5