Haalli Qilleensaa Xayyaarri Buufata Boolee Akka Hin Qubanne Dhorke

  • VOA

Xayyaarri Biyyootii Irraa Boolee Qubachuuf Ture Sababa Qilleensaan danqame

Har'a jechuun Hagaya 22 bara 2024 ibsa kenneen har’a ganama sa’a sadii akka lakkoobsa Itiyoopiyaa jalqabee haalli qilleensaa hurriin samii waan uffiseef jecha xayyaaronni buufata xayyaara Boolee qubachuu malan qubachuu waan hin dandeenyeef gara buufataalee xayyaara ka birootti akka jirjjiramu dirqisiisee jira jechuun daandiin balalii Itiyoopiyaa ibsa baasee jira.

Kun immoo balaliiwwan biyya keessaa fi sadarkaa addunyaa irratti dhiibbaa uumee jira. Rakko karoora imalaa kan imaltoota keenyaa hanqisuuf tasrkaanfii barbaachisu fudhataa jirra jedha ibsichi. Akkuma baratame nageenyi imaltoota keenyaa kan dursa kenninuuf ta’a.

Rakkoo imaltoota keenya mudate maraaf garaa irraa dhiifama gaafannaa jedha ibsi daandii balalii Itiyoopiyaa Irraa har’a ba’e kun.