Magaalaa Dassee kutaawwan magaalaa Shan keessatti sigiga lafaa mudateen manneen jireenyaa, bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee amantaa irratti miidhaa geessisuu isaa magaalitiitti waajjirri ittisa balaa fi wabii nyaataa beeksiise. Obbo Mengistuu Abbebee hoogganaa itti aanaa waajjira bu’uuraalee misoomaa fi balaawwan waqtii gannaa dhaqqabaniif miseensa koree teekinikaa kana ta’an sagalee Ameerikaatti akka himanitti hanga ammaatti balaa sigiga lafaa mudate kanaan namoonni 400 ol qe’ee isaaniirraa buqqa’uun mannee barnootaa fi galmoota bulchiinsa gandaa keessatti qubachiifamaniiru jedhaniiru.
Magaaliitti keessaa kutaa bulchiinsa Araadaatti balaan sigiga lafaa kun irra caalaatti miidhaa dhaqqabsiise kan jedhan bulchaan kutaa Araadaa Obbo Masfin Girmaa balaan akkanaa waggoota dhiyoo keessaatti mudatee hin beekus jedhaniiru. Namoonni sababa balaa kanaan buqqa’anii bakkoota da’annoo keessa jiran haala rakkisaa keessa jiraachuu isaanii sagalee Ameerikaatti himaniiru, Obbo Mangistuunimmoo gama saaniin gaaffiin namoonni qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran kaasan qorannaa irratti hundaa’uun ni deebi’a jedhaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun godina walloo kibbaa aanaa Tehuladeree ganda Qorkee keessatti sigigni lafaa mudachuun midhaanii fi biqiltuuwwan lafa Kaaree kuma dhibba tokkoo fi shantama irra jiru faayidaan ala taasiisuu hoogganaan waajjira qonnaa aanichaa Asheennafii Sayid sagalee Ameerikaatti himaniiru. Itti dabaluunis balaa kanaan namoonni 40 kanneen manneen isaaii jalaa diigameeru galama bulchiinsa gandaa keessa qubachiifamaniiru jedhaniiru.