Waraanni Gaazaa Keessaa Duula Talaallii Dhibee Pooliyoo Biyyattii Keessatti Mul’ateef Geggeessamu Danqe

  • VOA

Waraanni Gaazaa Keessaa Duula Talaallii Dhibee Pooliyoo Biyyattii Keessatti Mul’ateef Geggeessamu Danqe

Akka gabasa dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti samuuda ji’a waxabajjii keessa naannoo westwater irraa fuudhatameen waggoota 25 keessatti yeroo jalqabaaf Vaayirasiin Pooliyoo gosa lamaffaa jedhamu argameera. Ministirri fayyaa Paaleestiin immoo gama isaan torbaan darbe qorannoo Joordaan West baankitti taasifameen daa’imni ji’a Kudhanii kan talallii hin fudhatiini fi gidduu galeessa Gaazaa irraa dhufeeru irratti dhibeen Pooliyoo mul’ateera.

Vaayirasiin Pooliyoo baay’ee kan daddarbuu yoo ta’u yeroo bay’ee karaalee bishaan qulqullina hin qabnee fi faalamaniin kan babal’atudha. Rakkoon kun Gaazaa keessatti yeroo wal waraansi Hamaasii fi Israa’eel yeroo dheeraa lakkoofsiisaa jirutti babbal’achaas dhufeera. Vaayirasichi irra caalaatti daa’imman umriin isaanii waggaa shanii gadii kan miidhu yommuu dhaabbanni fayyaa Addunyaa fi UNICEF guutummaa Gaazaa keessatti daa’imman kuma 640’f talaallii Pooliyoo kenuuf akka jiran ibsanii garuummoo yeroo humni waraanaa Israa’eel qilleensarraan halleellaa raawwachaa jirutti duula talaallii kana rakkisaa taasiisas jedhaniiru. Duula talaallii kanaa gaggeessuufis karoora sagantaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jalatti ogeeyyiin fayyaa 2,700 gareewwaan 708 jalatti ni hirmaatus jedhameera.