Humni Waraanaa Sudaan Dhorkaa Kaa’e Waan Kaaseef Gargaarsi Daarfuur Akka Dhaqqabu Ta’eera

Humni Waraanaa Sudaan Dhorkaa Kaa’e Waan Kaaseef Gargaarsi Daarfuur Akka Dhaqqabu Ta’eera

Torbaan darbe irraa kaasee naannoo Daarfuuritti beelli hamaan mudachuu isaa hordofee humni waraanaa Sudaan dhorkaa gargaarsi akka hin seenne kaa’e ture kaasuun dhabbanni mootummoota gamtoomanii dangaa Chaadi irraan gargaarsa gara Daarfuuriitti galchuu isaa ifoomseera. Wal waraansa ji’oota 16’f Sudaan keessatti deemaa jiru hordofee Daarfuur bakka miidhaan hamaan itti dhaqqabe yommuu ta’u Ji’a Guraandhalaa keessa humni waraanaa hulaa amma gargaarsi itti seene kana dhaabbileen gargaarsaa akka itti hin fayyadmane dhorkee ture. Yeroo sanatti meeshaaleen waraanaa karaa hulaa daangaa kanaa geejibsiifamu jechuun dhorkaa irra kaa’ee kan ture amma immoo turtii ji’oota sadiif banaa taasiisuun gargaarsi akka seenu eeyyameera.

Sudaaniitti qindeessaa gargaarsa namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii kan ta’e Justin Biraadii Roobii kaleessaa fuula miidiyaa hawwasaa “x” irratti akka maxxansetti konkolaatoota gargaarsa fe’aniiran 131 keessaa 15 daangaa cee’uun Daarfuur akka seenaniiran ibsuun kaan isaniimmoo daangaa irra akka turan humni waraanaa Sudaan waan ajajeef gargaarsa akkuma fe’anitti dhaabbataniiru.

Sagantaan nyaata Addunyaa Roobii kaleessaa ibsa baaseen midhaan deedhii Mishingaa, boloqqee, Zayitii fi Ruuza namoota 13,000 f ga’uu danda’u Daarfuuriin seesifamuu ibseera. Gargaarsi midhaan nyaataa namoota 500, 000 ga’uu danda’u qophaa’uu isaa kan ibse sagantaan nyaata Addunyaa Daarfuur keessatti namoonni miiliyoona ja’a hanqina nyaataaf saaxilamaniirus jedhee guutummaa biyyattii keessattiimmoo namoonni miiliyoona 25 walakkaan uummata biyyattii ol kan ta’an hanqina nyaataaf saaxilamaniiru.

Kanaan dura konkolaataawwan gargaarsaa fi manneen kuusaa gargaarsaa irratti halleellaa raawwachuun kan himannaan irratti dhiyyaatu gareen humna waraanaa warra humna addaa “RSF” Roobii kaleessaa ibsa baaseen gargaarsi dhaqqabuu isaa gammachuun akka simatu ifoomseera.