Ambaasadarri Yunaayitid Isteets Naannoo Tigraay Daawwatan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Ityoophiyaatti ambaasadarri mootummaa Yunaayitid Istees Erviin Maasingaa, raawwannaa waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa irratti mallateefame ilaachisee aanga’oota naannichaa wajjin marii taasisuu dhaaf Wixata kaleessaa buulchiinsaa naannoo Tigraay Daawatanii jiru. Daawannaa isaanii kana ilaalchisee embaasiin Yunaayitid Isteetis Finfinneetti aragmu ibsa baaseen akka jedhetti, imalli ambaasadar Ervin Massingaa waldhabdee siyyaasaa karaa nagaatiin hiikuudhaan nageenyaa waara qabeessaa ta’e naannicha keessatti dhaabuu haala dandeesisu irratti kan xiyeeffateedha.

Ambaasadarichii daawanaa isanii kana keessatti dhaabbataa eegumsaa aadaa kan mana Kirstaanaa Abuune Abrihaam Debretsioon, magaala Dugum keessatti gargaasa maallaqa ykn fandii Ambaasaderaatiin ijaaramee eebisuu isanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.