Godina Shawwaa Bahaa Aanaa Boosat keessatti gaafa hagayya 22 darbe humnoonni hidhatan dargaggeessa Ziyaad Nuuree jedhamu manaa baasaanii akka ajjeesan Maatiin sagalee Ameerikaatti himan. Aanaa Boosat kana keessatti humnoonni hidhatanii socho’an kan Waraana Bilisummaa Oromoo daraaraa biroollee uummataA Irraan ga’aniin qe’ee keenya dhiisnee baqachuuf illee dirqamne jedhu namoonni dubbisne.
Gorsaan Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo immoo gama isaaniin waraanni keenya gochaalee akkasii hin raawwatu jedhu. Mitikkuu Fiqaaduu dhimma kanarratti waan qopheesse qaba.