Qaala’nsi Jireenyaa Biyyoota Miseensa Yuuroo Ta’anii Gad Buusuun Gabaasame

  • VOA

FAAYILII - Baanjii Yiroopiyaan Seenteraal, Magaala Firaankifart, Jarman, Bitootessa 21, 2024.

Qaala’insi jireenyaa biyoottan miseensota Yuuroo ykn biyyoottan Awuroopaa wareen tumsa Yuuroo keessa jiranii, waggoottan Sadii keessatti yeroo jalqabatiif ji’a Hagayyaa kana keessa dhibbentaa 2.2n gadii bu’ee jira. Qaala’isii jireenyya kun biiyyoota Awuroopaa 20, warreen maalaqa Yuuroo waloodhaan fayyadaman keessatti gadi bu’un isaa, ji’a Adoolessaa bara 2021 as yeroo jalqabaatiif yemmuu ta’uu, kunis karoora Baankiin gidugaleessa Awuroopaa ka’ate dhibeentaa lamatti dhihoo ta’uu isaa waajjirri Staatistiikisii gamtaa Awuroopaa beeksisee jira.

Haalli kunis baankiin giddugaleessa Awuroopaa ji’a dhufu keessa akka baaxii dhala liqii daran gadi buusuu taasisaa jedhameera. Dhimma kana irratti gabaasaleen baha jiran akka ibsanitti, qaala’insii jireenyaa gadii bu’us, shaala gabaa yeroo Olompiikii paariisin walqabatee gatiin tajaajilaa dhibba irraa harka 4 irraa garaa dhibeentaa 4.2 tii akka ol ka’e akka jiru beekameera.

Karaa biraatiin guddinni mindaa hojjatootaa biyoottan Awuroopaa kana keessa jiru haalaan yemmuu hir’ate jirutti, biyyoota naannoo Yuuroo 20 keessaa nuusaa kan ta’an keessatti, lakoofsii namoottan hojii dhabeeyyii dabalaa deema jira.

Galmeen qorannoo dhaabbilee fi maatii irratti xiyyeefate akka agarsiisutti gabaan ykn barbaadamnii hojjatootaa dadhabaa adeemaa jira. Haalli diinagdee biyootta Awuroopaa kun waggaa tokkoo oliif fooya’insii akka hin galmoofne kan taasise, industirii biyya Jarman keesaatti laafinii mulachuu isaa fi tajaajila irratti kan hundaa’e diinagdeen biyya Speen jabeenyii isaa walakaadhaa gadi waan ta’eef akka ta’e gabassameera.