Yuunivarsiitiin Finfinnee Bara Barnootaa Bara 2017 Kanatti Hojimaata Simannaa Barattootaa Haaraa Hojiirra Akka Oolchu Beeksiise

  • VOA

Bakka Bu'aa Prezidaantii Yunivarsitii Finfinnee Doktor Saamu'el Kifle

Bakka bu’aa pieezidaantii Yuunivarsiitichaa kan ta’an Doktar Saamu’eel Kifilee wiixata har’aa ibsa sabaa himaaleef kennaniin Yuunivarsiitichi aangoo ofiin of bulchuu mana maree bakka bu’oota uummataan bara 2015 tti kennameefii hordofuun , barattoonni yuunivarsiitichatti bara haaraa kanatti barachuuf jiran akka kanaan duraa kanneen mootummaan ramadaman osoo hin taane ulaagaa Yuunivarsiitichi baasuun kanneen filatamanidha jedhan. Kunis bara kana barattoota digirii jalqabaaf dhufanirraa jalqabas jedhaniiru. Barattooni qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii bara kana Yuunivarsiiticha seenan qabxii dhibbeentaa 50 fi isaa ol kanneen fidan ta’uu qabus jedhanii , Qormaata seensaa yuunivarsiitichi kennus darbuutu irraa eegama jedhaniiru.

Itti dabaluunis barattoonni bara kana simataman kanneen ofii isaanii kaffalanii baratanii fi kanneen baasii barnootaa isaanii kaffaluu hin dandeenyeefimmoo haala mootummaan baasii isaanii akka qooddatuuf karaan itti iyyatanis qophaa’eera jedhaniiru. Yuunivarsiitiin Finfinnee bara kana barattoota haaraa kuma shan simachuuf qophaa’uu kan ibsan Doktar Saamu’eel baay’inni isaa kanneen qormaata seensaa yuunivarsiitichi kennu darbenirratti hundaa’as jedhaniiru.

Dhimma kanarratti yaada isaanii sagalee Ameerikaaf kennan Yuniivarsiitii jimmaatti barsiisaa kan ta’an Doktar Geetacheew Xilaahuun Yuunivarsiitiiwwan keesatti gidduu seentummaan mootummaa hafee ykn hir’atee Yuunivarsiitiiwwan ulaagaa mataa isaaniitiin barattoota fudhachuu yoo jalqaban qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tarkaanfii guddaadha jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gabiremedihiinidha.