Jiraattonni Magaala Gondor Gocha Ukaamsaa fi Ajjeechaa Balaaleffachuu Dhaan Dheekamsa Dhageesisanii Jiru

  • VOA

Jiraattonni Magaala Gondor Ajjeechaa fi Ukkaamsaa Geggeeffamu Balaaleffachuuf Mormii Dhageessisan

Jimaata darbee magaala Gondor bakka Debresilaasee jedhamee beekaamu keessatti namootaan eenyumaan isaanii addaan bahee hin beekamneen butamtee kan fudhatamtee mucaan durbaa wagga lamaa fi ji’a tokkoo ,Noolaawiit Zegeyee kan ajjeefamte, warreen ishee butanii fudhatan maalaaqa gaafatan kuma 300 maatii ishee irraa fudhatanii booda akka ta’e erga beekaamee boodaa jiraatonni magaala Gondor guyyaa kaleesaa hiriira mormii kan taasisan.

Hiriira mormii kana irratti namoottan hirmaatan keessaa kan sagaaleen Amerikaa haasofsiiseefi maqaan isaanii akka hin dhahamnee gaafatan magaala Gondor keessatti, yeroodhaa yerootti yakkii namoottan ukaamsanii fudhatanii maallaqa gaafachuu waan dabalaa deemaa jiruuf abootiin qabeenyaa magaalichaa gadi lakkisaanii baqachaa jiruu, warreen baqachuu hin dandeenyee immoo ilmaan isaanii dhabaa jiruu jedhaniiru.

Ukaamsaadhaaf ajjeechaa Kanaan walqabatee guyyaa kaleesaa walgahii atattamaa kan taasisee manni maree bulchiinsaa magaala Gondor namoottan yakaan shakaman 31 qabamanii hidhamuu isaanii fi umnootan nageenyya 14 immoo hojii isaanii irraa haryatamuu isaanii beeksiseera.

Guyaa har’aa ibsaa adda kan keenne manni maree nageenyaa magaala Godor yaaka Kanaan walqabatee namoottan too’annoo jala oolan 49 gahuu isaanii beeksiseera.

Bulchiins magaala Gondor galmeewwan Poolisii waabefachuudhaan akka ibsetti, wagga kana keessa qofa yakkaawwan namoottan butanii fudhachuu 64 magaalichaa keessatti raawwatera.

Dhimma kana ilaachisuudhaan sagalee Amerikaatiif ibsa kan ibse Komishiiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa, naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti namoottan umanaan ukaamsanii fudhachuudhaan gadi lakkisiisuudhaaf maallaqa gaafachuun babbalachaa adeemaa jiraachuu isaa ibsee, umnoottan nageenyaa mootummaa namoottan butamanii akka hin fudhatamne akka eeguunsa taasisuu akkasumas, kaneen butaman umnaan gadi lakkisiisuu irratti akka of eeggannoo taasisan gaafatee jira.

Hiriira guyyaa kaleessa Gondor keessatti taasifameen walqabatee umnoottan nageenyaa wajjin waltti bu’insaa umameen namoottan midhamuu isaanii jiraatonni sagalee Amerikaatti himanii jiru. Dhimma kana addaan baafachuudhaaf haanga’ootaa Hospiitala magaala Gondor argachuudhaaf yaaliin taasifamee akka hin milkoofnee gabaastonni sagale Amerikaa Finfinneerraa ibsaniiru.