Ministeerri Dhimma Alaa Yukireen Aangoo Gad-dhiisuuf Akka Jiran Ibsame

  • VOA

Ministeerri Dhimma Alaa Yukireen Dimitiroo Kuleebaa

Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Dimitroo Kuleebaa akka qaama jijjiirraa mootummaa eegamaa turetti, Roobii har’aa aangoo gadhiisuuf isaanii beeksisan. Af-yaa’iin paarlaamaa Ruslaan Steefanchak xalayaa aangoo gadhiisuu Kuleba Feesbuukii irratti maxxansan. Seera tumtonni itti aanaa muummicha ministeeraa fi ministeera haqaa dabalatee angawoota hedduun aangoo gad-dhiisuu isaanii eegaa kan jiran yoo ta’u, muudamni haaraan Kamisa dhufu ta’uuf fakka jiru angawoonni himaniiru.

Bara 2020 ministeera haajaa alaa kan ta’an Kuleebaan, weerara Raashiyaa jalqaba bara 2022 eegale hunda keessatti Yukireen addunyaa akka dhaqqabdu hoogganuu gargaaraniiru.

Torban darbe yeroo Yukireen gargaarsa waraanaa dabalataa barbaaddutti ministeerota dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa dabalatee angawoota biyyoota dhihaa waliin yeroo hunda wal arganii mari’ataa turan.

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy Kibxata kaleessaa haasawa halkanii kan idilee dhageessisaniin Yukireen mootummaa ishee damee tokko tokko cimsuu akka qabduu fi murtoon sirnaa qophaa’eera jedhan. Hojii wal ta’iinsa haaraa fi dippilomaasii sadarkaa haaraa nu barbaachisa. Akkasumas hawaasa Yukireen naannoo addunyaa waliin hariiroo sadarkaa haaraa uummachuu nu barbaachisa jedhan Zelenskiin. Yeroon waaltaalee mootummaa Yukireen cimsinu amma yoo ta’u, qaama nu gargaare hundaa nan galateeffadha jedhan.