Gumii Walta’insa Chaayinaa fi Afrikaa Maddiitti Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa fi Prezidaantin Chaayinaa Mari’atan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Gumii Walta’insa Chaayinaa fi Afrikaa Maddiitti Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa fi Prezidaantin Chaayinaa Mari’atan

Itiyoophiyaa dabalatee hogganoonni biyyoot Afrikaa 50ni kan irratti hirmaatan gumiin walta’iinsa Chaayinaa fi Afrikaa har’a Beejiing keessatti jalqabamee jira. Walgahii kanaaf Beejiing kan seenan Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad Chaayinaan deggersa nuuf goote jedhan dinqiisiifatanii jiru. Gama kaaniin , Chaayinaan Afrikaa waliin tumsa cimaa uumaa kan turte yoo ta’u, hariiroon ishee tokko tokko ba’aa liqaatiin kan guutame kanneen jedhan jiru. Kaan immoo Afrikaan barbaachisummaa tarsiimoo ishee addunyaa irratti fayyadamtee jirti jedhanii jajatu. Dhimma kana irratti Finfinnee fi as waashingtan DC irraa gabaasaalee qindaawan jaallannee Gammadaatu tu dhiyeessa.