Atileetiin Yuugandaa Rebekaa Cheeptegii Kan Kaadhimaan  Ishee Duraanii Qaama Isheetti Ibbida Gadhiisuun Gube Du’aan Boqotte

  • VOA

Rebekaa Cheeptegii dorgmmii kiiloomeetirii 10 irratti oggaa dorgomtu, Ugaandaa, Waxabajjii 20, 2023.

Atileetii Oloompikii Yugaandaa kan taate Rebekaa Cheeptegii Dilbata dabarsine kana kaadhima ishee duraani waliin qabeenya lafaa irratti kan wal dhabaniiran boba’aa qaama isheetti naquun kan gube qaamni ishee dhibbbeentaa 80 gubachuun Hospitaala Keeniyaatti yaalarra kan turte Kamisaa har’aa lubbuun ishee darbeera. Atileetiin ganna 33 kun Yugaandaa bakka bu’uun Oloompikii Addunyaa Paarisitti gaggeeffamee ture irratti Maraatoonii dubartootaan sadarkaa 44ffaan xumurteetti.

Keeniyaa magaalaa Eldoreetti kan argamu Hospitaala Refeeraalaa fi kolleejjii Moyiitti dubbii hima kan ta’e Owen Minaach Kamisaa lubbuun Atileetii kanaa darbuu kan mirkaneesse yommuu ta’u, Abbaan ishee Jooseef Cheptegii mucaan kook an baay’ee na gargaartu jedhanii , haqa mucaa koos na argadha jedheen abdadha jedhaniiru.

Namni balaa kana dhaqqaabsiise Diiksan Diyeemaa akka ta’e kan ibse Pooliisiin Kaawuntii Tiraansi nizoyaa innis balaa kanaan qaamni isaa dhibbeentaa 30 gubachuu isaan achuma hospitaala isheen keessatti duutetti yaalarra jira jedheera. Maatiin ishee miidiyaaleef akka ibsanitti Atileet Rebekaan Kaawuntii Tiraansi Nizooyaa bakka atileetonni hedduun itti shaakala hojjetanitti dhiyoo kan ta’e irraa lafa bittee akka jirtudha. Akka ibsa poolisiittimmoo osoo balaan kun isheerra hin dhaqqabiin dura kaadhimaa ishee kana waliin laficha irratti manni eessatti akka ijaaramuu qaburratti wal dhabaa turan jedha.

Federeshiin Atileetiksii Yuugaandaa fuula miidiyaa hawwaasaa Isaa “X” irratti du’uu Atileetii kanaa mirkaneessuun gadda itti dhaga’ame ibsatee haqni ishee akka argamu gaafateera.