Wal-dhabdeen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Keessatti Uumame Ittuma Fufee Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Jiraattota magaalaalee naannoo Tigiraay waliin marii taasisuu kan jalqaban prezidaantiin yeroo kan naannichaa Geetaachoo Raddaa, mariin sun hanqina bulchiinsichi qabu sirreessee, dhimmoota gaarii ta’an immoo itti fufsiisuufi jechuun dubataniiru. Hooggana isaanii irrattis maqa balleessiin akka taasifamaa jiru dubbatan.

Gumii dhiyeenya taasifameen itti aanaa dura taa’aa ABUT ta’uun kan filataman himannaa obbo Geetaachoo kana haalaniiru.

Paartiin Arreenaa gama isatin waldhabdeen ABUT gidduutti uumame gara rakkoo nageenyaatti akka hin geessine yaadachiiseera. Gabaasa Mulugeetaa Atsbeha dhimma kana irratti qopheese Tujube Horaatu dhiyeessa.