Muummichi Ministaraa Itiyoophiyaa Haleellaa Biyya Isaaniirratti Aggaamamuu Malu Akka Of Irraa Qolattu Akeekkachiisan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Muummichi ministeeraa Itiyoopiya Abiy Ahimed Muddama naannoo Gaanfa Afriikaatti uumameen haleellaa biyya isaaniitti akeekamu malu kamiyyuu akka of irraa qolatan akeekkachiisa kennan. Guyyaa Abbaa biyyummaa ilaalchisee Finfinneetti kan argamu waajjira Ministrii Ittisaatti geggeessame irratti haasaa dhageessisaniin Itiyoopiyaan seenaa ishee keessatti haleellaa alaa of irraa qolatteetti jedhan.