Gondar Kaabaa Keessatti Hidhataan Tokko Baqataa Lammii Ertiraa Dabalee Namoota Lama Ajjeese

  • VOA

FAAYILII - Magaala Gondar, naannoo Amaaraa

Godiina Gondar Kaabaa magaalaa Daabaat keessatti Jimaata dabree hidhataan tokko haleellaa geesisee jedhameen baqataa Ertraa tokko dabalatee namoonni lama ajjeefamuu godaantonni dubbatanii jiru. Torbanuuma darbee keessatti aanaa Daabaat Buufata Alamwaac jedhamu keessa kan jiraatan godaantoota Ertraa lama irratti hidhattonni haleellaa gaggeessaniin mada’anii gara Hospitaala Gondariitti geeffamuu godaantonni sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Buufata godaantootaa keessatti waajiira UNHCR cinatti godaantoota tokko keessaa tokko waraananii boruumtaa isaa gaafa Kamiisaa bilbiila harkaa harkaa fudhuuf jecha baqataa biraa rasaasaan dhahanii garuu lubbuun ahafan jedhu Godaantoonni. Lafa buufanni ykn mooraan godaantootaa keessatti argamuu aanaa Daabaatitti bulchiinsa ganda Cilaa gama isaaniin magaalaa Daabaat keessatti namoonni lama ajjeefamuu mirkaneessee jira.

Irra hedduun isaanii godaantoota Ertraa kan ta’an kan keessa jiraatan buufanni dahaanna Alamwaac keessa haala nageenyaa jiruus foyyeessuuf hojjataa jirra jedhu aangawiichi. Dhimma kana ilaalchisee waajiira tajaajiila godaantootaa fi kanneen godaansaa deebi’anii kan Itiyoophyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasiifamee hin milkoofne jechuun Gabra Mikaa’el Gabra Medhin Gabaaseera.