Miseensonii raayyaa ittisaa biyaa Ityoophiyaa waggootaan Afurii ol manaa hidhaa keessa turan akka gadi lakkisaman murteessuu isaa ministeerri Ittisaa mootumma Itiyoophiyaa beeksiseera. Ministeerii Ittisaa ibsaa Qibxata har’aa Qaamee 5 bara 2016 baase akka jedheetti, miseensonni umna waraanaa biyyatti duraanii 178 ergamaa heeraan itti kennamee dagatanii gochaa yakkaa keessatti kan hirmataanii turaaniifi mana murtii waraanaatti dhihaatanii hidhaan waggootaan dheeraa fi adabbiin du’aa kan irratti murtaa’ee tureedha. Hiikamuu miseensota waraanaa kana ilaalchisuudhaan sagalee Amerikaatiif kan ibsa kenne dhaabbanii mirga namoomatiif falmu Hiyumaan Raayits Feerist, yemmuu walwaraansii kaaba Ityoophiyaa keessatti taasifamaa turee dhalatoota Tigiraay kan ta’an miseensonni waraanaa heduun hidhamuu isaanii ibseera.
Hogganaan dhaabbatichaa obbo Mebrihi Birhaanee, akkaataa waligaltee Piriitooriyaatiin namoottan kun kan hiikamuun irraa turee dursee ta’uu qabaatus tarkaanfii dhiifama laachuu amma mootummaan fudhatee akka gariitti fudhachuu isaanii ibsaanii , ministeerri Itisaa mirgaa namoottan hiikamanii kana akka eeguuf abdii qabnaa, hordofiis ni taasifnaa jedhaniiru. Miseensotaa waraanaa har’a mana hidhaatii bahan ajajaa Kudhaanii irraa kaasee amma Koloneelatti muudama adda addda irra kan turan akka ta’ee beekameera. Minsteerri ittisaa Itiyoophiyaa ibsaa haraa baassee kana keessatti, namoottan kun kan dhiifamaan gadii lakkisaman waligaltee nageenyaa Pritooriyaa caalatti jabeesuudhaaf akka ta’e beeksiseera.
Manoottan hidhaa guutummaa biyyatti keessa jiran 15 keessaa dhalatoonni Tigraay hidhamanii akka jiraachuu ministeeraa haqaa biyyatiif ibsaa turuu isaa kan ibsee dhaabbanni mirga namoomaa Hiyuuman Raayits Feerist, miseensonni waraana biyyatti Sudaan kibbaa keessatti nageenyaa kabachiisaa turaaniif yeroo amma biyya Sudaanitti mooraa baqatootaa keessatti rakkachaa kan jiran dhalatoonni Tigraay akka biyya isaaniitti deebi’an mootummaa gaafachaa jiraachuu isaa akka ibse Gebremikaa’el Geberemedihiin Finfinnee irraa gabaaseera.