Ministarri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Gara Briteenitti Imaluun Aangawoota Biyyattii Waliin Mariitti Jiran

  • VOA

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteets Antonii Blinken fi Ministirri Dhimma Alaa Biriteen Deeviid Laamii xumura ibsa gaazexeessitootaaf waloo isaanii irratti harka wal fuudhu,Landan, Briteeyin Ful. 10, 2024.

Wixataa kaleessaa gara Biriteenitti kan imalan Ministirri dhimma alaa Antoonii Biliinken daawannaa guyyoottan lamaaf taasisan kanaan waa’ee dhimmaa kutaa Indoo Paasifiik jedhamuu dabalatee, waa’ee garee Yunaayitid Isteets, Awustiraaliyaa, Biriiteeniifi biyoottan walakeessa bahaa keessa jiran tokko tokko irratti hirmaatanuufii garee Ittisaa AUKUS jedhamuu akkasumas, waa’ee yuukireen akka ta’e ministeerri dhimma alaa ibsaa kenneen beeksisee jira.

Ministirri dhimma alaa Biriiteen David Laamii dawwanaa Biliinken kana keessatti dhimma gaazaa irratis akka mariin taasifamuu eeraniiru. Daawannaan Biliinkren kun kan taasifamee mootummaa Biriiteen eyyama dhaabbilee meeshaa waraanaa gara Israa’elitti dabarsanuu erga uguree booda. Akka mootummaan Biriiteen jedhetti, dhaabilee meeshaa waraan gara Israa’elitti erguuf eeyyama qaban 350 keessaa eeyyamnii dhaabilee 30 ugurameera. Sababnii isaas meeshaaleen waraanaa kun sarbiinsa seera namoomaa raawwachuudhaaf ooluu danda’u jechuudhaan akka ta’e ibsameera.

Antonii Biliiken Qibxata har’aa mummichaa ministeeraa Biriiteen dhiheenya kan filataman Kee’ir Staarmer wajjin akka dubbatan beekameera. Muummichii ministiraa Biriiteen Kee’ir Staarmer jimaata dhufu as waashingteen keessatti Prezidaant Joo Bayidenii wajjin wal arganii maryachuudhaaf akka karoorfamees gabaasameera.