Bara Haarawa Seene Kana Keessatti Mariin Nageenyaa Itti Fufee Akka Nageenya Buusu Abdatan Jiraattonni  Sagaleen Ameerikaa Dubbise

Your browser doesn’t support HTML5

Barri 2016 darbe karaa nageenyaa fi qaala’iinsa jireenyaatiin kan dhiibbaa uumeedha, lammileen Itiyoophiyaa Sagaleen Ameerikaa ayyaana waggaa ilaalchisuun dubbise.

Jiraattonni Godina Shawaa bahaa, xumuramuu waggaa bara 2016 ilaalchisuun yaada isaanii VOA’f kennan, waldhabdee WBO fi humnoota mootummaa furuuf mareen taasifamaa ture bara haaraa gale kana keessa furmaata fida jedhanii akka eegan dubbatan. Qaamoleen lameen maree sana itti fufanii bara haarawa kanatti akka nagaa biyyaaf buusanillee gaafatan. Galmoo Daawit jiraattota dubbisee qophii qindeesse qabna.