Paartileen siyaasaa mormitootaa afur kanneen naannoo Tigraay keessa socho’an hiriira itti gaafatamaan nageenyaa naannichaa ugguran cimsanii qeeqan. Har’a magaalaa Maqalee keessatti gaazexeessitootaaf ibsa gamtaan kan ennan bakka bu’oonni Paartii Walabummaa Tigraay, Salsaay Weeyyaanee, Kongiresii Biyyoolessaa Tigraay Guddittii fi paartii Areenaa Tigraay murtee kana heera mootummaa kan faallessu jechuun qeeqaniiru.
Fulbaana 10, 2024, itti aanaan bulchaa blchiinsa yeroo fi itti gaafatamaan nageenya Naannoo Tigraay Letenaal Jeneraal Taaddesee Werrede, bulchiinsa yeroos ta’e ABUT hiriira wal mormii nageenya naannichaa balaa dhaaf saaxilu ugguran. Sana duras Jeneraal Taaddeseen sababa nageenyaaf jecha hiriira siyaasaa wal morkatu dhorkaniiru.
Jeneraal Taaddasaa Weredee, bulchiisi yeroo kan Tigraay muudama angawoota haaraa yeroof akka dhaabu gaafataniiru. Hooggansi ABUT waa’ee qindaa’ina bulchiisa yeroo kan Tigraay fi bakka bu’ummaa isaa irratti mari’achuuf gaaffii dhiheesse akka dhaabu gaafataniiru. Wal dhibdee murnoota ABUT jidduutti deemaa jiruun wal qabatee qaamni nageenyaa naannichaa walaba akka ta’u gaafataniiru.