Waggoota Sadiif Hojii Malee Teenye, Jechuun Miseensonni Poolisii Federaalaa Dhalattoota Tigraay Tahan Komee Dhiyeessan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Waggoota 16 oliif poolisii federaalaa damee ittisa yakkaaf hojjechuu isaanii kan ibsan Komaander Girmaay kaasaa, naannoo Tigraay Tasgabbeessuu ka jedhuun lola kaaba Itiyoopiyaa kan bara 2013 mootummaa federaalaatiin gara naannoo sanaatti ergamuu ibsaniiru. Haa ta’u malee mootummaan naannicha gad dhiisee ennaa ba’u, miseensota poolisii federaalaa dhalattoota Tigraay ta’an achitti dhiisee ba’uu dubbatan.

Miseensonni poolisii federaalaa 465 ta’an gara hojiitti akka deebi’aniif irra deddeebi’uun gaafatanis hanga ammaatti furmaata akka hin argatin ibsaniiru. Saajin Mebraahituu Asaffaa namni jedhaman illee waggoota 15f poolisii federaalaaf hojjechuu isaanii ibsanii, haa ta’u malee yeroo ammaa maatii isaanii waliin rakkoo keessa jiraachuu dubbatu.

Waalta komee dhaggeeffatu kan Itiyoopiyaaf dhimma isaa akka beeksisanii fi waaltaan sunis poolisii federaalaa biraa ibsa gaafatee deebiin argate garuu sababaa amala gaarii hin taanee fi miliqanii baduutiin kanneen hojii irraa hir’itaman deebii argachuu isaa kan ibsan immoo inspekter Qib’aat Gebremedin turan. Hojii mootummaatti bobbaanee kan turree fi mootummaa dhumti ofii isaa nu dhiisee kan ba’e miseensota malee warra badee deeme miti jechuun deebii kennaniiru.

Mirga namaa ilaalchiee kan hojjetu dhaaba dursi mirgoota namaaf jedhuuf itti aanaa daayiriktera kan ta’an obbo Mebrihii Birhaanee, akka walii galtee Pritooriyaatti namoonni kun hojii isaanii duraatti deebi’uu qabu jechuun dubbatan.

Dhimma kana irratti poolisii federaalaa, bulchiisa yeroo kan naannoo sanaa fi waaltaa komee dhaggeeffatu kan Itiyoopiyaa biraa deebii fi ibsa argachuuf yaaliin irra dedeebi’uun ta’e hin milkoofne akkuma argannetti dhiyeessina jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.