Mana Maree Naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti, haaromsii akka ta’uuf waamicha guddaaa hoggantoonni Afrikaa Yaa’ii Waliigalaa Tokkummaa Mootummoota marsa 79ffaa irratti gaafataniitti Naayjeriyaan dabalamtee jirti. Afrikaan Mana Maree Nageenyaa sana keessatti akka teesoo dhaabataa qabaattu yeroo dheeraaf akka gaafachaa turte ibsite. Ministarri Ittisaa Naayijeeriyaa marii yaa’ii kana cinatti taasifame irratti ibsa kennaniin haaromsi kun, nagaa fi tasgabbii addunyaa gadi-fageenyaan gad dhaaba jedhan.Garuu akka Timothy Obiezu gabaasetti xiinxaltoonni naannoo tokko tokko shakkii qaban.
Afrikaan Mana Maree Naga Eegumsaa Tokkummaa Mootummootaa Keessatti Akka Barcuma Dhaabbataa Qabaattu Gaafatame
Your browser doesn’t support HTML5