Itiyoophiyaa Kibbaa Keessatti Balaa Konkolaataatiin Yoo Xiqqaate Namoonni 28 Du’uun Himame

  • VOA

FAAYILII - Karaa Magaala Finfinnee, Adoolessa 17, 2020.

Itiyoophiyaa Kibbaa, godinaa Walaayittaa keessatti Roobii harraa awutoobusiin imaltoota fe’atee deemu garagaluu isaatiin yoo xiqqaate namoonni 28 du’uu fi kanneen biroon 14 madaa’uun gabaasame. Ittti gaafatamaan Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii godinichaa Obbo Tasfaayee Boottataa Sagalee Ameerikaa akka ibsanitti awutoobusichi imaltoota fe’atee deemu to’annaa konkolaachisaatii ala ta’uun dhooqa laga keessatti kufuu isaatiin balaan kun dhaqqabe.

Awutoobusichi magaalaa godinichaa Walaayitaa Zoodoo irraa gara magaalaa godinaa ka biraa Daawwaarootti otuu imalaa jiruu ture kan balaan kun mudate, akka Obbo Tasfaayeen jedhanitti. Kan Finfinnee irraa gara Kiiloomeetira dhibba afur fagaatu aanaa Kindoo Didaayee keessatti laga Gibraa keessatti balaan kun dhaqqabuu kn ibsan Obbo Tasfaayeen, namoonni 19 balaa sana irraa lubbun hafuu isaanii fi wal’aansaaf gara hospitaalaatti geessamuu isaanii dhiman. Kenneen keessaa kudha afur jabaa madaa’an, jedhan.