Jaala Sanyii Nagaasaa ABO-WBO Jaal Marroo Yokaan Kumsaa Dirribaan Dursamurraa Adda Bahuu Isaanii Beeksisan

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti miseensaa hojii raawachiistuu fi ajajaan WBO godinaa walakeessaa duraanii Sanyii Naggaasaa ajajaa waraanaa dhaabichaa Jaal Marroo yokaan Kumsaa Dirribaa irraa adda bahuu isaanii beeksisan. Dhaabilee midiyaa murtaa’an waliin bakkaa addaan bahee hin beekamne irraa haasawa bilbilaa taasisanii fi akka Sanyii Naggasaa ta’an of ibsan, waldhabdee naannoo Oromiyaa keessa jiru karaa nagaatiin hiikuudhaaf yoo mootummaan qophii tahe qophaawaa akka ta’an beeksisanii jiru. Dhimma kana irratti garee Jal Maroo yokaan Kumsaa Diribaa irraa deebii argachuuf yaaliin VOAn taasifame yeroodhaaf hin milkoofne.