Itti-Aantonni Kaadhimamtoota Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetis Galgala Kana Wal-Falmii na Filadhaa Taasisuuf Jiran 

  • VOA

Itti aantoonni kaadhimamtoota pireezidaantii kan dimookiraatii fi Rippaabilikaanii

Itti aantoonni kaadhimamtoota pireezidaantii kan dimookiraatii fi Rippaabilikaanii Tim Walzii fi Jee Dii Vaansi Kibxata har’aa galgala Niwuuyoorkiitti falmii duula na filadhaa taasiisuuf jiru.

Filannoo pireezidaantummaa Yuunaayitid Isteetisi ji’a Sadaasaa dhufutti taasifamuuf jiruuf Bulchaan Kutaa Minisootaa Tiim Waalz kaadhimaamaan itti aanaa Pireezidaantii Dimookiraatotaa fi Senaatarri Yuunaayitid Isteetisi Jee Dii Vaansi kaadhimamaa Itti aanaa Pireezidaantii warra Rippaabulikaanootaa har’a galgala falmii duula na filadhaa Niwuuyoorkiitti taasisaniin qalbii filattootaa hawwachuuf yaalii ni taasisu jedhamee eegama. Falmiin duula na filadhaa Waalzii fi Vaansi gidduutti har’a taasifamu isaaniifis ta’e kaadhimamtoota pireezidaantootaafis kallattiin walitti dhufanii falmii taasisaniif isa xumura ta’as jedhamee eegama.Kunis akka karoora duula na filadhaa Itti aantuu pireezidaantii Kaamilaa Haariis fi Pireezidaantii duraanii Doonaaldi Tiraampitti kallattiin walitti dhufuun falmii taasiisuuf waanti qabameeru hin jiru.

Falmii har’a galgala kaadhimamtoonni itti aantoota pireezidaantii paartii warra dimookiraatii fi Rippaabilikaanii taasisuuf jiran ilaalchisuun qorataan dhimma bulchiinsaa Inistitiyuutii Biruukiingis Biil Galistan Sagalee Ameerikaaf yaada kenneen falmii isaanii keessatti dhimmoota imaammataa caalaa filattoota biratti eenyummaa isaanii ibsachuuf carraa argatu jedheera.

Kaamalaa Haaris fi Doonaald Tiraampi faalmii isaanii jalqabaa fulaa fuulatti wal arganii ji’a darbe taasisuun isaanii ni yaadatama.