Akka dhaabbanni Annisaa addunyaa jedhutti, yeroo amma addunyaan annisaa qulqulluu irratti investmentiin gootu isa kan boba’aa fosilii yokaan humnoota aniisaa lafa keessaa bahan irratti taasisamu irraa dachaa lama dabaleera jechuun ni danda’ama. Garuu jijjiirama sana waliin balaan naannoo murteessaa ta’e albuuda baasuu wajjin walqabatee dhufu ni jira. Gabaastuun VOA Jessica Stone akkaataa biyyoonni qormaata naannoo egeree annisaa haaromfamuu danda’u uumuuf deemaa jiru nutti himti.