Aanga’oonni biyyoottan Afrikaa Bahaa sadii sochii yakkaa qindoominaan naannoo haroo Viktooriyaatti taasifamu dura akkaataa itti dhaabachuun danda’ami irratti Keeniyaa keessati mariidhaaf taa’anii jiru. Bakka bu’oonni Keeniyaa, Ugaandaa fi Taanzaniyaa sochii qurxumii qabuu hin eeyyamamne, sochii mukaawwan bosonaa keesaa muruufi fe’uu, sochii namoottan karaa seeraan alaatiin biyyaa tokko irraa gara biyya biraatti dabarsuu dhaabuudhaaf akkamitti akka waliin hojjatan qindeesuudhaaf walgahan. Dhimma kana irrtti gabaasaan Mohaamad Yusuuf Naayiroobii irraa VOAdhaaf qopheesse itti aanee dhufa.