Humni waraanaa Israa’eel tarkaanfiin Beeruut keesstti fudhadhe kan garee Heezboollaah irratti qiyyaafate jechuun ibseera.Kamisa har’aa kanas bakkoota humna waraanaa Heezboollaah irratti qiyyaafataman 200 kan ta’an gamoo kibba Libaanoos keessatti argamu Biint Jibeel bakka kuusaa meeshaa waraanaa isaanii irratti dabalatee halleellaa qilleensarraan fudhadheera jedhee Milishoota garichaa 15 ta’anis ajjeeseera jedheera.
Dhaabbata mootummoota gamtoomanii, Liibanoositti qindeessituun addaa Jeeninee Henis pilaaschert Kamisa har’aa barreeffama fuula miidiyaa “X” irratti akka maxxansiteetti ammas Beeruut keessatti halkan hirriba hin qabne jettee , dhohinsoonni magaalittii sochoosan itti fufaniiru, Saayiranoonni akeekkachis kennan hin turre, waan itti aanee dhufu beekuun hin danda’amu. Dhipphinnii fi sodaan hundarraayyuu ni mul’ata jetteetti.
Roobii kaleessaa loltoonni Israa’eel Saddet Kibba Libaanoosiitti Heezboolaah waliin wal waraanaa jiran ajjeefamuus Israa’eel kan beeksiifte guyyaa tokkoon booda tarkaanfii kan fudhachuu kan ibsite. Kibxata dabarsine kana Iraan Misaa’eelota Balaastikii 200 ta’aniin haleellaa Israa’eel irratti kan rawwatte yommuu ta’u naannicha keessattis dhiphina guddaa uumeera. Ministirri muummee Israa’eel Netaanyaahuun Iraan halleellaa Misaa’eelii Israa’eel irratti taasifteef gatii baasti jechuun Kibxata erga haleellichi raawwateen booda dubbateera.
Haala nageeya biyyoota baha giduu galeessaa keessatti ta’aa jirurratti manni maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtomanii Roobii kaleessaa waamee ture.