Bulchaan yeroo kan bulchiinsa naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa Roobii dabree Fulbaana 22 bara 2017 bulchiinsa naannoo Afaar daawwachuun walii galtee tolfachuun isaanii ibsamee jira.
Waliigalteen tolfamee jedhamee kunis abdii kan itti horee ta’u magaalaa Maqalee keessa kan buufatan buqqaatonni Ab-Alaa kanneen kuma 13 ol ta’aniif bakka bu’aan isaanii dubbatanii jiru.Rakkoo keessa akka jiranis ibsanii walii galteen tolfamees akka hatattamaan hojii irra oluu gaafatanii jiru.
Obbo Geetaachoo Raddaa daawwannaan Roobii dabree Afaar keessatti gaggeessan wal waraanas Itiyoophiyaa kaabaa sana booda kan duraa ti.
Prezidaantii bulchiinsa naannoo Afaar Awwal Arbaa waliin marii gaggeessaniin namoota sababa wal waaraansaan manaa fi qe’e isaanii irraa buqqa’an deebisuun, haariirii uummanni uummata waliin qabu jalqabsiisuu fi nagaa nageenyaa fi misooma waliin mirkaneessuu dhimmoota jedhan irratti walii galuu isaanii Obbo Geetaachoon fuula fees Buukii ofii irratti barressuu isaanii Mulugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.