Prezidaant Joo Baayiden Kamisa kaleessaa gara kutaalee falmiin filannoon beekaman kutaa Filooriidaa fi Joorjiyaatti imaluun miidhaa obomboleettii Helene irraan gahe ilaalanii jiran. Mootummaan federaalaa tattaaffii deebisanii dhaabuu ta’u akka deeggaru namoota obomboleettii kanaan miidhamaniif mirkaneessuun prezidaant Baayiden kun guyyaa lammaffaaf itti fufee jira.
Obomboleettiin Helene jedhamuun moggaafamte kun, Yunaaytid Isteetis Kibba Baha kan barbadeessite yoo ta’u, kutaalee biyyattii jaha keessatti tilmaamaan namoota 200 kan ajjeese.Bara 2005 obomboleettii Kaatrina booda obomboleettii biyyattii keessatti lubbuu namaa galaafate isa kana ta’eera. Filooriidaa keessatti, bara darbe obomboleettiin Idalia magaalaa isaanii erga barbadeessee booda, namoonni hedduun mana yeroof jiraatan keessa jiraachaa jiru.
Pireezidant Joo Baayiden"Sin arga, sni dhaga'a. Sin waliin gadda jirra. Deggersa keenya akka qabdan waadaan siniiif gala. Hanga yeroo isin deebitaniitti turuuf jirra." Jedhan. Pirezidaantichi naannoowwan obomboleettiidhaan miidhaman qilleensa irraa akkasumas lafa irraa argaa jiru.