Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee 

Your browser doesn’t support HTML5

Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee, Naannoo Addabaabaayii Masqalaatti kabajamee jira. Hirmaattonni ayyaana kanaa kaleessa waaree boodaa kaasee kan Magaaa Finfinnee seenaa turan yoo tahu, harra Abbaan Malkaa erga Malkaa saaqeen booda namootni Irreeffatanii jiran. Hora Finfinnee boodas boruu kan Bishooftutti kabajamu Ayyaana Hora Arsadii kabajuuf hedduun hirmaattotaa gamasitti imalaa jiran.