Irreechi Hora Arsadii Harra Kabajamee Oole

Your browser doesn’t support HTML5

Dilbata harraa ganama irraa kaasuun sirni kabaja Irreecha Hora Arsadii gaggeeffameera. Kaleessa Hora Finfinnee erga irrreeffatanii booda harra Malkaa kanarratti kan argaman jiraattonni godinaalee gara garaa, Horri Arsadii Malkaawwan Irreechaa hedduuf fakkeenya, Oromoof ammoo bakka xiiqii ti jechuun himan.

Irreecha kanarra kan turan Prezdaantiin Waldaa Maccaa fi Tuulamaa Obbo Darribii Demissee, Irreessa kana duraan warri jalqabe nama jaha qofa ta'anii akka irreeffatan Odu gabaasaa VOA'tti himan. Amma Faajjiin Abbaa Gadaa akkas baballates rakkoo hedduu keessa darbamee kan ta'e ta'uu yaadatan. Obbo Darribiin "asitti reebamnuus, namni keenya boollatti dhumus, ittuma fufe," jechuudhan bu'aa bahii oggoottaan baayyee darban keessa ayyana Irreechaa kabajuu keessatti darbe yaadachiisan.