Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaa Boqotan

Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaa lubbuun isaanii darbe.

Waggoota hedduuf Televizyinii Itiyoophiyaatti qopheessaa fi barreessaa diraamaawwan hedduu ta’uun kan hojjetaa turan Gaazexeessaa fi Barreessaa Warquu Gaaddisaa Addunyaa kanarraa boqotanii jiran. ‘Abbaa Oguma hedduu’ jechaan kan jaalota ogumaa isaaniin ibsaman Obbo Warquun, dhibee dhiyeenya isaan mudate booda osoo yaala fudhataa jiran Fulbaana 28, bara 2017 Finfinneetti lubbuun isaanii darbuu maatiin isaanii ibsanii jiran.

Obbo Magarsaa Gaaddisaa obboleessi hangafaa Obbo Warquu Gaaddisaa VOA’f, Obbo Warquun hawaasa waliin jiraataa ture birattis hojiin aartii itti beekkamu dabalata maqaa gaarii nama qabudha jechuun ibsan. Artiisti Taammiraat Kebbedee, kan tuuta Dhangaa keessatti Obbo Warquu waliin yeroo dheeraa hojjechuu dubbate, Obbo Warquun, abbaa Ogumaa hundagaleessaa, kan hojii diraamaa Afaan Oromoo handhuura gabbisaa cimsee jechaan ibsee, dhalootni harraas hojii inni akkas itti dhamaye jedhan itti fufsiisuu akka qabullee dubbate.

Warquu Gaaddisaa, Oromiyaa Godina Baalee Aanaa Sinaanaatti, Abbaa isaanii Obbo Gaaddisaa Damee fi haadha isaanii Aadde Ituu Gaariirraa bara 1954 kan dhalatan hoo ta’an, abbaa ijoollee sadii turan.

Dhalatanii ganna jaatamii sadiitti kan kaleessa boqotan Obbo Warquun, harra sirni awwaala isaanii Finfinnee, mana Amantaa Labuu Gabri’eelitti bakka firoottan fi jaalawwan ogummaa isaanii argamanitti gaggeeffamee jira.