Pireezidaantiin Somaaliyaa Eertraatti Imalan

  • VOA

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud Ertiraatti oggaa simataman.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahmuud erga Caamsaa bara 2022 filatamanii as daawwannaa marsaa torbaffaaf Roobii har’a gara Eertiraatti imalan. Prezidaant Mahmuud daawwannaa hojiif Eertiraatti kan imalan yoo ta’u, pirezidaantii Isaayyaas Afwerkii waliin walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuu fi nageenya naannoo gaanfa Afrikaa irratti mari’achuu isaanii Dhaabbanni oduu biyyoolessaa Somaaliyaa mootummaan hogganamu beeksisee jira.

Baatii Adooleessa dabree Eertiraa keessa kan turan Mahmuud yeroo sana qondaalli Eertiraa akka jedhanitti hoggantoonni lamaan walitti dhufeenya seena qabeessa Eertiraa fi Somaaliyaa gidduu jiru irratti mari’ataniiru.

Walitti dhufeenya tumsa biyyoota lamaanii cimaa fi hunda galeessa ta’e kan dantaa ummatoota lameenii tarkaanfachiisu keessumaa siyaasaa, nageenya, waraanaa, dinagdee, damee aadaa fi hawaasummaa irratti dubbatan.

Eertiraan loltoota Somaaliyaa kuma heddutti lakkaa’aman kan leenjiftee yoo ta’u yeroo ammaa waraana lafoo, ka humna qilleensaa fi humna galaanaa dabalatee damee hunda irraa leenjii dabalataa kennaa jirti.

Mahmuud Somaaliyaa irraa osoo hin ka’iin dura, buufata xiyyaaraa Ballidogle keessatti sirna eebba ogeessoota Ameerikaan leenjifamnii irratti hirmaatanii turan.

Yunaaytid Isteetis, Yunaayitid Arab Emireet, Eertiraa, Masrii, Itiyoophiyaa, Jibuutii fi Ugaandaan biyyoota Somaaliyaan leenjii barbaachisu argachuun itti gaafatama humnoota Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessaa jiran harkaa fudhachuu akka dandeessuuf leenjii waraanaan gargaaraa kanneen turan keessaa muraasa.