Naanoo Amaaraa Walloo Kibbaa Keessatti Baankiilee Lama Keessaa Qarshiin Miliyoona 67 Hidhattootaan Saamamuun Ibsame

  • VOA

FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Sadaasa 06, 2020.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godiina walloo kibbaa aanaa Ambaassal Gisheen Ambaa keessa baankiiwwan jiran lama keessaa qarshiin Miliyoona 67 hidhattoota eenyummaan isaa hin beekamneen saamamuu damee baankii Abisiniyaa fi Tsadeey beeksiisanii jiru. Hogganoonni baankilee lameenii kaleessa oduu gabaastotaaf akka ibsanti saaminsii kun kan raawwatamee Fulbaana 25 bara 2017 ture.

Hojii gaggeessaan baankii Abisiiniyaa kan damee Gishan Dabra Karbee Obbo Zawduu Qannaawu akka ibsaniitti Fulbaana 25 guyyaa sa’atii kudha tokkoo irraa jalqabee hanga walakeessa halkanii yeroo jiru keessatti hidhattoota eenyummaa isaanii hin beekamneen qarshiin miliyoona 63 fudhatameera jedhan. Hojii gaggeessaan baankii Tsadeey dame Gishan Maariyaam Obbo Amaare Maammoo gama isaaniin guyyaa wal fakkaataa sanatti hidhattonni saamiinsa raawwataniin qarshii Miliyoona 4 fudhatan jedhan.

Waldaan Ortoodooksii Itiyoophiyaa Gaaffii dhiyeessiteen uummata naannoo fi amantoota gara naannoo Sanaa dhaqan akka tajaajiilaniif baankiwwan banaman irratti kun rawwatamee jedhamee jira. Rakkoo nageenyaa bulchiinsa Amaaraa keessatti uumamee hordoofuun bakka adda addaatti namoota iggituu fi saamiinsa akkasumas dhiittaan mirga namoomaa dhaqqaaban kan isa yaaddeessu ta’u komishiniin mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa yeroo adda addaatti ibsaa ture jechuun Masfin Araagee Dasee irraa gabaasee jira.