Dhaabbatii Jaapaan Kan Namoota Baambii Atoomikiirraa Hafanii Badhaasa Kamisa Har’aa Noobeelii Nagaa Badhaafame

  • VOA

Badhaasni Noobeelii kan Nagaa Jimaata har’a dhaabbata Jaappaan kan namoota boombii atoomikaa irraa hafanii  Nihon Hidankyoo jedhamuuf kenname, Onk 11, 2024.

Badhaasni Noobeelii kan Nagaa Jimaata har’a dhaabbata Jaappaan kan namoota boombii atoomikaa irraa hafanii Nihon Hidankyoo jedhamuuf kennamee jira. Dhaabbatii Jaappaan kun kan namoota boombii Atoomikaa Yunaaytid Isteetis Hirooshimaa fi Nagaasaakii irratti dhoohe irraa lubbaan warra hafanii dha.

Dura taa'aan koree Noobeelii Noorweey Jørgen Watne Frydnes, badhaasni kun kan kenname ''meeshaa niwukilaraa fayyadamuu dhorku inni jedhu dhiibbaa jala waan jiruuf'' jedhan. Koreen Noobeelii ''namoota lubbuun hafan hunda kanneen miidhaa qaamaa fi yaadaa dhukkubsataa muuxannoo gatii guddaa baasutti fayyadamuun abdii fi hirmaannaa nagaa horachuuf filatan hunda kabajuun barbaada'' jedheera.

Tattaaffiin meeshaa niwukilaraa dhabamsiisuuf taasifamaa ture yeroo darbe koree Noobeeliin kabajaa argateera. Duulli Idil-addunyaa Meeshaa Niwukilaraa dhabamsisuuf ta’u badhaasa Nagaa bara 2017 kan injifatee jira.

Kana malees, bara 1995 Jooseef Rootblaat fi Yaa'iin Pugwash kan Saayinsii fi Dhimma Addunyaa gahee meeshaan niwukilaraa siyaasa idil-addunyaa keessatti qabu hir'isuuf carraaqqii taasisaniin injifatan.Kana amalees yeroo dheeraa keessatti, meeshaa waraanaa akkasii dhabamsiisuuf hojjatan." Badhaasni bara kanaa waldhabdee hamaa addunyaa irraa, keessattuu Giddugaleessa Bahaa Yukireen fi Sudaan keessatti gaggeeffamaa yeroo jiruutti kan badhaafamedha.