Prezidaantiin Naannoo Oromiyaa Gareen "WBO Godinaa Giddu-Galeessaa," Ittin Jedhan Fedhii Nagaaf Agarsiise ni Simanna Jedhan

Your browser doesn’t support HTML5

Pireezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Simallis Abdiisaa guyyaa kaleessaa Onkoloolessa 10 , bara 2024 fuula miidiyaa hawwaasaa isaanii rratti barreeffama mata duree “mootummaan harka nagaaf diriirse har’as hin dachaasu” jedhuun maxxansaniin mootummaan isaanii qaama WBO gidduu galeessaa jechuun of waamu fedhii nagaaf agarsiise kan jajjabeessu fi haala dandeessisoo milkaa’ina marii kanaaf barbaachisan hunda uumuun, garaagarummaa jiru karaa nagaahiikuuf qophii ta’uu isaa maqaa kiyyaa fi mootummaa naannoo Oromiyaan irra deebiin mirkaneessa jedhaniiru. Dhimma kanarratti Hoogganaa biiroo Komuunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaaf hooggansa isa kami waliin dubbachaa jirtuu jechuun gaaffii Waahillii Keenya Mitikkuu Fiqaaduu dhiyyeesseef deebii kennanii jiru. Gama Waraana Bilisumma Oromootiis kanneen dubbisne qabna.