Lammiileen Afrikaa Hojiif Raashiyaatti Bobbaafaman Gowwoomfamanii Diroonii Yukireen Irratti Hojiirra Oolfamu Oomishuutti Bobbaafamuu Himan

  • VOA

FAAYILII - Drooniiwwan Raashiyaadhan gadhiifaman laabraaatoorii Kiiv keessatti, Yukireen, Hagayya 28, 2024.

Lammiileen Afrikaa Raashiyaa keessatti hojjechuuf bobbaafaman gowwoomfamanii Yukireen keessatti akka itti fayyadamaniif diroonii akka qindeessan dubbatanii jiru. Beeksisni miidiyaa hawaasaa kun shamarran Afrikaaf tikkeettii xiyyaaraa bilisaa, maallaqaa fi lafa fagoo Awurooppaa keessaatti akka isaan dabarsan waadaa galeera. Kunis Tapha kompiitar irraa fi qormaata jechoota Raashiyaa 100 qabu xumuruu qofa.

Garuu sagantaa qo’annoo hojii dameewwan akka keessummeessitootaa fi nyaata qopheessuu dhiisanii, warshaa meeshaa waraanaa kumaantamaan lakka’amuu kan Iraan qopheesse walitti qabuuf akka jiran tokko tokko erga Taataarstaan Raashiyaa ga’anii booda qofa baru.Dirooniin kuma hedduu kana immoo haleellaa Yukreen irratti gaggeessaniif oolchu. Dubartoonni kunneen tokko tokko gaaffiifi deebii gaazexaa Asoosheetid Prees waliin taasisaniin, sa'aatii dheeraaf hordoffii yeroo hunda jala turuu, waadaa mindaa fi qo'annoo ilaalchisee cabsuu isaanii, akkasumas keemikaalota gogaa qaama isaanii godaannisa itti tolchuu fi hoqsisuun hojjechuu isaanii komataniiru.

Hanqina humna namaa kan hatattamaa yeroo waraanaa Raashiyaa keessatti mul’ate guutuuf, Kremlin dubartoota umuriin isaanii waggaa 18-22 ta’an bakkeewwan akka Yugaandaa, Ruwaandaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Seeraaliyoon fi Naayijeeriyaa, akkasumas biyya Eeshiyaa Kibbaa Siriilaankaa irraa qacaruun hojjechaa tureera. Kunis gara bakka biroo Eeshiyaa akkasumas Laatiin Ameerikaatti babal’achaa jira.