Biyyoonni Addunyaa Irraa Hiyyeeyyii Ta’an 26 Rakkoo Maallaqaa Hamaa Keessa Jiraachuu Baankiin Addunyaa Beeksise

  • VOA

Baankii Addunyaa

Gabaasni Baankii Addunyaa haaraan akka mul’isutti, biyyoonni hiyyeeyyii addunyaa 26, kanneen namoota addunyaa irraa hiyyeeyyii ta’an dhibba irraa harki 40% keessa jiraatan, sadarkaa liqii kanaan dura hin argamne kan isaan mudate yoo ta’u, kunis bara 2006 irraa eegalee isa olaanaa dha.

Addunyaa ka biroon COVID 19 irraa dandammatee guddina argamsiisaa ennaa jirutti, dinagdeen biyyoota kanaa hammaataa adeemuu gabaasi kun beeksisee jira.

Walgahiin waggaa Baankii Addunyaa fi dhaabbata maallaqa Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamuu isaa torban tokko dura kan ba’e gabaasni kun hiyyummaa hamaa dhabamsiisuuf tattaaffii godhamu irratti duubatti deebi’iinsa guddaan jiraachuu kan mirkaneessu yoo ta’u, Baankiin Addunyaa bara kana deggersa maallaqaa hiyyeeyyii addunyaa guutuuf doolaara biiliyoona 100 walitti qabuuf tattaaffii taasisaa jiru kan cimsu dha

Qorannaan biyyootii hiyyeeyyii 26 ta’an irratti geggeessame gliin nam tokkee waggaatti doolaara $1,145 gad ta’uu kan mul’isu yoo ta’u gargaarsa waldaa misooma Addunya IDA irratti fi liqaa dhala gad aanaa ziirootti dhiyaatu irratti hirkatanii jiru jedha gab aasi baankii Addunyaan ba’e kun

Giddugaleessaan galiin biyya keessaa fi liqaa biyoota kanaa wal bira qabamee ennaa ilaalamu dhibba irraa harka 72 yoo ta’u kunis waggoota 18 keessatti isa dha. Biyyoonni kun walakkaan isaanii liqaa irra jiruun dhiphachaa jiran ykn balaa guddaa keessa jiru.

Biyyoota hiyyeeyyii 26 keessaa harka sadii keessaa lama walitti bu’iinsa hidhannoo keessa jiru, ykn sababaa waaltaalee fi hawaasummaan laaffataa ta’eef jecha sirna eegsisuuf rakkataa jiran. Kun immoo investmentii fi meeshaalee gara alaatti ergaman danqee, kufaatii dinagdee yeroo dheeraaf mul’atuuf isaan saaxila jedha gabaasni kun.