Namni Meeshaa Waraanaa Hidhate Tokko Bakka Duulli Filannoo Tiraamp Geggeessamu Cinatti To’annaa Jala Oole

  • VOA

Prezidaantiin Duraanii Doonaald Tiraamp Onkoloolessa 13, bara 2024 Duula filannoo kutaa Arizoonaatti Ennaa Geggeessan

Sambata darbe galgala duula filannoo Doonaald Tiraamp bakka geggeessamaa jiru wiirtu sakatta’insaa irratti namni Nevaadaa irraa ta’e sugguxii hdihatee fi rasaasa konkolaataa isaa irratti fe’e argamuu isaa angawoonni kutaa Kaalifoorniyaa gama kibbaa beeksisaniiru.

Poolisiin konyaa Riiversaayid Chaad Biyaankoo Dilbata kaleessaa gaazexeessitootaaf akka himanitti, itti aanaan isaanii nama waggaa 49 Vern Miiler, namni Las Veegaas irraa ta’e tokko bakka sakatta’iinsa naannoo duula filannoo Koocheellaa, baha Los Anjeles keessatti argamutti konkolaataa isaatiin utuu gamasitti deemuu to’annaa jala oolchaniiru.

Chaad Biyaankoo akka jedhanitti yaada wal dha’aatu mul’atee ture. Itti aanaan ajajaa poolisii konkolaataan sun keessis isaa oliif gad dha’amee akka ture hubataniiru.

Konkolaataan kun lakkoobsa gabatee kijibaaa qabaachuun mul’inatti kan argame yoo ta’u, kunis namni sun maaliif gamas akka deemee fi maal gochuuf akka ture angawoota poolisii-tiinn qorannaan dabalataa akka geggeessamu taasise jedhan.

Kutaan poolisii ibsa baaseen namni sun meeshaa waraanaa rasaasaan guutame qabachuun akkasumas meeshaa gurguddaa of harkaa qabaachuun shakkamee to’annaa jala oolee ture.

Wabii doolarra $5000 kan gad dhiisame yoo ta’u, Waabajjii 2 bara 2025 mana murtiitti akka dhiyaatu beellamamee jira.

Yeroo lama erga aggaammiin ajjeechaa raawwatamee booda naannoon duula Filannoo Tiraampitti naga eegumsa cimaatu geggeessama.

Ji’a darbe namni tokko aggaammii ajjeechaa prezidaanticha duranii irratti raawwate jedhamuun himatame. Angawoonni akka jedhanitti namni sun sa’aatilee 12f naannoo prezidaantichi duraanii turanitti eegee isaan ajjeesuu akka barbaadu illee barreessee ture.

Namni kun kutaa Filooridaa keessatti to’annaa jala kan oole, erga Tiraamp aggaammii ajjeechaa ennaa duula filannoo Penselvaaniyaa keessatti geggeessamaa ture irratti raawwatameen gurra isaanii cina rasaasaan rukutamanii madaa’anii ji’a lama booda.