Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraa Keessatti Lola Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Gidduutti Deemsisameen Namoonni Nagaa Toorba Ajjeesaman Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraa keessatti Fulbanaa 27bara 2017 irraa eegalee waldhabdee humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo akkasumas humnoota mootummaa fi hidhattoota Fannoo gidduutti adeemsifamaa jiruun lammiileen nagaa torba ajjeefamaniiru jedhan jiraatoonni aanicha. Akka jiraattonni nageenya isaaniif sodaachuun maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan jedhanitti, reeffi namoota du’anii Onkoloolessa 2, bara 2017 kan argamee ta'uu ibsaaniiru.

Sagaleen Ameerikaa dhimma kanarratti hooggansa godina shawaa kaabaa fi aanaa Darraa kan dubbise yoo ta’u, isaan keessaa tokko, akka godinaattis ta’e akka aanaatti lolli akka hin jirre kan ibsan yoo ta’u, isaan tokko ammo, aanaan kun rakkoo nageenyaa irraa bilisaa tatee hin beektuu jechuun deebisan. Tsehaay Daamxootu gabaase.