Naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa Godina Koree Keessatti Haleellaa Hidhattootaan Raawwatameen Namoonni Nagaa Shan Ajjeefaman, Jedhame

  • VOA

Bulchiinsa naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godinaa Koree aanaa Gorkaa gandoota Keredaa fi Daannoo keessatti Dlbataa fi wiixata dabarsine haleellaa hidhattootaan jirattoota irratti raawwatameen namoonni shan ajjeefamuu maatiin namoonni jalaa ajjeefamaniiran sagalee Ameeriakaatti himaniiru, Namni yaada isaanii sagalee Ameerikaaf kennan obbo Biqilaa Tsaquuwaadee jedhaman namoota ajjeefaman keessa tokko fira kooti jedhanii warra ajjeefaman keessaa namoonni sadii osoo gara lafa qonnaa isaanii keessa deemaa jiaraniiti jechuun dubbataniiru. Dilbata dabarsine ganamas hidhattoonni haleellaa wal fakkaatu raawwataniin qonnaan bultoonni lama ajjeefuus namni kun itti dabalanii himaniiru. Namni obbo Teferraa Bondoraa hoogganaan Nageenyaa Godina Koree Dilbata darbe Ganda Golbaa keessatti qonnaan bultoonni lama , Wiixata kaleessaas ganda Kereddaa keessatti qonnaan bultoonni sadii ajjeefamuu mirkaneessanii ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo himataniiru.

Saba Koree bakka bu’uun mana maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaaf dorgomuun amma miseens mana maree kan ta’an Dr. Awwaqee Amzaayee yaadaa sagalee Ameerikaf kennaniin haleellaan uummata irratti fudhatamu haala yaaddessaarra ga’eera jedhanii mootummaan itti gaafatamummaa isaa ba’achuu irratti laafeera jechuun nageenya uummataa eegsiisu qaba jechuun waamicha dhiyyeessaniiru.

Biiroo nageenyaa fi bulchiinsaa naannoo Oromiyaatti itti gaafatamaa waajjiraa kan ta’an obbo Iyyaasuu Ji’oo hidhattoonni aanaa Galanaa keessa socho’an uummata naannoo lamaanii rrattiyyuu haleellaa akka raawwatan ibsanii humnoonni nageenyaa mootummaa hordoffii taasisaa jirus jedhaniiru.

Haleellaa kanaaf kan himannaan irratti dhiyaate waraana bilisummaa Oromoo irraa deebii argachuuf yaaliin taasise har’aaf naaf hin milkoofne, garuu kanaan dura karaa Dubbii himaa isaa Odaa Tarbii waraanni keenya namoota nagaa irratti halleellaa hin raawwatu jechuun himannawwaan akkasii haalaniiru. Jechuun Hawwaasaa irraa Yoonaattan Zabdisyoositu gabaase.