Ministaroonni Ittisaa Biyyoottan Afrikaa Finfinneetti Walga’anii Jiran  

Your browser doesn’t support HTML5

Ministeeronni Ittisaa Biyyooottan Afriikaa waa’ee nageenyaa Afriikaa irratti mariyachuuf Finfinnee jiru. Maree yeroo jalqabatiif Ministeerota Raayya Ittisa Biyyaa biyyoottan Afriikaa kana, Itiyoophiyaan kan qopheessite yoo tahu, Injiner Ayishaa Mohaammed, Ministeerri Ittisaa Mootummaa Itiyoophiyaa, Afrikaan ammaa rakkoo nageenyaa wal xaxaa keessa jirti jechuun akeekkachiisan. Angawootni Ministeera Ittisaa Afriikaa, humni raayya ittisaa afrikaa kan eeggannoo, hojii jalqabuu dadhabuun Afriikaan nageenyaa isaaf harka alagaa akka ilaalu taasiseera jedhuu, Galmoo Daawit tu gabaase