Jiraattonni Magaalaa Finfinnee Gatiin Geejjibaa Dabaluun Jireenya Keenya Irratti Dhiibbaa Uuma Jedhan

  • VOA

FAAYILII - Magaala Finfinnee, Sadaasa 3, 3021.

Waajjirri bulchiisa geejjibaa kan magaalaa Finfinnii kaleessa jechuun Onkoloolessa 5 bara 2017 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatti ibsa baaseen, Roobii har’aatii qabee gatii tajaajila geejjiba uuummataa irratti dabaluu isaa ibsee jira. Daballi kaffaltii kun kan taasisame, tajaajila Miini-baasii fi atoobisii irratti ta’uu beeksisee jira. daballi kaffaltii haaraan kun akka fageenya isaatti qarshii 5 hanga qarshii 14 akka ga’u illee ibsa sana irratti tuqameera.

Waa’ee daballii kanaa VOAf yaada kan kennan jiraattonni magaalaa Finfinnee tokko tokko gama isaaniin tarkaanfiin kun jireenya nutti hammeesse jedhu. Nageenya isheef sodaachuu dhaan maqaan ishee akka hin tuqamne kan gaafatte namni yaada kennite, kaffaltii dabalame isa haaraa kanaan mana ishee qabee hanga bakka hojii isheetti guyyaatti qarshii 70 kan baastu ta’uu ibsuu dhaan kun immoo jireenya irratti dhiibbaa fida jette.

Tajaajilli geejjibaa dhiibbaa inni dhaqqabsiise kana akka nuuf ibsaniif kan VOAn gaafate qorataa ol aanaa dhimma dinagdee Doktor Abulee Mehaarii, torbanneen lama dura kan taasisame fooya’insa mikrooikoonomiin wal qabatee, dameewwan geejjibaa fi kanneen boroo irratti daballi kaffaltii tajaajilaa akka taasisamu eegamaa ture jedhan. fooya’iinsa kana hordofee waaltaalee mootummaa bu’a qabeessa jedhaman irrattis daballi kaffaltii kan taasisame ta’uu kan ibsan ogeessi kun, haalli isaa jireenya hawaasichaa irratti dhiibbaa uuma jedhan.

Waajjirri bulchiinsa geejjibaa magaalaa Finfinnee ibsa isaa kanaan, kana dura ta’aa kan ture daballiin taarifaa, gatii boba’aa qofa yaada keessa kan galche ta’uu tuqee, inni ammaa garuu, garii boba’aa kan yeroo ammaa fi baasii bulchiisaa ka biroo giddu galeessa gochachuu isaa ibsee jira. Fayyadamtoonni immoo galii fi baasiin keenya wal gituu waan dadhabeef, mootummaan haala jireenyaa yaada keessa galchee tarkaanfii fooyya’aa fudhachuu qabaa jedhu.

Doktor Abulee Mahaarii gama isaaniin, hawaasicchi waggoottan darban keessa gatiin sharafaa ol ka’uu isaa dhiibbaa inni fideen miidhaan irra ga’eera jedhanii, fooya’inni dinagdee waaltaalee irratti fuuleffate hordofee daballiin kaffaltii tajaajilaa tokkichaan ta’uu iraa irra qoratamee ilaalamuu dhaan qalbiitti yoo ta’e filatamaa ture jedhan. Mootummaanis dhiibbaa daballii gatii kana tarkaanfii tasgabbeessuu danda’u akka fudhatu illee gaafataniiru.

Dhimma kana ilaalchisuun bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dubbi himaan waajjira dhimmootii geejjibaa deebii akka kennaniif yaaliin ta’e hin milkoofne. Haa ta’u malee mootummaan jijjiirama maakrooikoonomee ennaa beeksisu ibsa kenneen, tarkaanfii kanatti aansee dhiibbaa jireenya irratti uumamu xiqqeeessuuf tajaajilawwan jiran akka degeruu fi mindaa akka dabalu ibsee jira. Mootummaan mindaa dabaluuf qarshii biliyoona 90 ol ramaduu isaas muummichi ministeeraa Abiy Ahimed kana dura miseensota mana maree bakka bu’ootaaf ibsanii turan jechuu Gebemikaa’el GebreMedin gabaaseera.