Hiyuumaan Raayits Waach: Lamiileen Sudaan Itiyoophiyaatti Baqatan Balaa Kessa Jiru

  • VOA

FAAYILII - Baqattoota Sudaan Itoophiyaa seenan galmaahuf dhaabbata IOM funduratti argaman, Caamsaa 4, 2023.

Hiyuuman Raayitiis Wooch Ibsa Kamisa har’aa baase keessatti Sudaan keessatti bara 2023 Ji’a Eebilaa irraa kaasee humna waraanaa lamaan gidduutti ka’een lammiileen Sudaan gara Itiyoophiyaatti baqatanii buufata baqattootaa keessa jiran waggaa tokkoof yeroo garaa garaatti qaamolee hidhataniin miidhaan irratti dhaqqaba jedheera. Akka Gabaasa Hiyuumaan Raayiitis Wooch kanaatti namoonni hidhanii fi milishoonni naannoo Reebicha, Ajjeechaa, Ukkaamsuun maallaqa akka kaffalan gaafachuu fi Hojii humnaa hojjechiisus jedheera. Sarbamni kun bara 2023 ji’a Waxabajjii irraa kaasee baqattoota lammiilee Sudaan irratti raawwatameera kan jedhe gabaasichi, baqattoota buufataalee baqattootaa sadii keessa jiran keessaa namoota 20 ta’an waliin gaaffii fi deebii bilbilaan taasiiseen odeeffannoo sassabuu isaas ifoomseera. Baqattoonni lammiilee Sudaan kanneen waraana baqaaf Itiyoophiyaa keessa turan dararaa isaaan irratti raawwatu baaqaaf ammas gara Biyya isaanii Sudaan waraana keessa jirtuutti debii’aa jiraniif ammas eegumsi taasifaamuu qaba jechuunis waamicha dhiyyeessee, Mootummaan Itiyoophiyaa buufataalee baqattootaa kana naannoo waraanni sudaan itti ka’eerutti dhiyoobakkoota wal dhabdeef saaxilamoo ta’an kaa’uu fi ammas akkasuma taasiisuu nageenya murta’e waliin jechuun mootummaa Itiyoophiyaas himateera gabaasichi. Gabaasa kana guutuu isaa tajaajila baqattootaa Itiyoophiyaaf erguu eeree Hiyuumaan Raayitis Wooch, buufataaleen baqattootaa kun naannoo walitti bu’insi jirutti dhiyoo jiraachuu naaf mirkaneessee garuu eegumsa nageenyaa amansiisaa qaba jedheera jedhe. Baqataan lammii Sudaan kan umriin isaa 45 ta’e lafa nagaa jiraanna jennee abdannee Sudaaniin gadhiisne, yommuu Itiyoophiyaa geenyu garuu reebicha fi saamamuutu nu mudate jedhanii humni waraanaa Itiyoophiyaa Ijoollee koo duratti yommuu na reebu ijoolleen ko bo’aa turan jechuun Hiyuumaan Raayitis Woochiif ibseera. Namni nageenya isaaf jecha maaqaan isaa akka himamu hin feene tokkommoo Angawoonni mootummaa Itiyoophiyaa yeroo garaa garaatti dhufanii waadaa nuuf seenu garuu waadaa sana gara hojiitti hin hiikan jechuun dubbateera jedha gabaasni Hiyuumaan Raayitis Wooch kun.