Moqaadishootti Haleellaa Boombii Namni Of-wareegaa Ta'uun Shakkame Dhooseen Namoonni Torba Ajjeefaman

  • VOA

FAAYILII - Konkolaataa fi mana haleellaadhan miidhame, Moqaadishoo, Adoolessa 15, 2024.

Ibsa poolisiin Somaaliyaa baseenimmoo dhohinsa boombii of-wareegaan raawwate kanaan yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamaniiru, Warra ajjeefaman keessattis bareessaa walaloo fi taphootaa akkasumas weellisaa Somaalee beekamaan Sugaal Abdullee Omaar keessatti argama. Dhohinsichi waree booda sa’aatii 9 fi daqiiqaa 27 irratti raawwatamuu kan ibsan dubbii himaan poolisii Somaaliyaa Majer Abdifattaah Aden Hasen warra du’aniin alattis namoonni ja’a madaa’uus sagalee Ameerikaaf mirkaneessaniiru.

Boombiin badanii balleessuutti shakkamu kun kan dhukaafame Kamisa ha’ra waree booda Magaalaa Moqaadishoo, mana shayee naannoo akkadaamiin poolisii Somaaliyaa jirutti akka ta’edha. Namoonni lama sagalee Ameerikaaf akka mirkaneessaniti namni boombii badanii baleessuu dhukaase kun golgaa kan godheteerudha jedhanii mana shayee sanatti yeroo baay’ee miseensota poolisii fi namoota siiviliitu fayyadamas jedhaniiru.

Yeroo dhiyoo as erga humni nageenyaa hedduun magaalaa Moqaadishoo keessatti bobbaafamee fi keellaawwan sakata’insaa magaalittii keessatti babal’atee hir’atee tureera.