Godina Shawwaa Kaabaa Aanaa Darraatti Sababaa Rakkoo Nageenyaaf Daandiin Geejibaa Cufaa Akka Jiru Himame

Your browser doesn’t support HTML5

Godina Shawwaa Kaabaa Aanaa Darraatti sababa rakkoo nageenyaaf daandiin geejibaa cufaa jiraachuu jiraattoonni sagalee Ameerikaatti himan. Daandii irratti imaltoota ukkaamsuu fi Ajjeesuun irra deddeebbiin akka mudatus himaniiru. Baatii tokkoo dura, karaa Marraa Beeteetiin gara Finfinneetti imalaa kanneen turan konkolaachistoonni konkolaatota daldalaa saddeet hidhattoota saddeet iggitamanii maallaqa gaafataman eega baasanii booda ajjeesaman, jiraattonni haala sana dhiheenyaan beekna jedhan Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Karaa Marraabeetee konkolaachistoonni imaluu yaalan maallaqa baasanii akka darbaa turan nan beeka kan jedhan Bulchaan Godinaa Shawaa Kaabaa Kaffiyaalew Adaree, konkolaachistoonni saddeet ajjeesaman ka jedhameef garuu ragaa hin qabu, jedhan. Tsahaay Daamxoo gabaasaa ergite qabna.